Fana: At a Speed of Life!

IGAD naannawichatti balaa qolachuun gahee olaanaa ba’ateera-Dooktar Warqinaa Gabayyoo

Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Mootummoonni Misooma Baha Afrikaa( IGAD) balaa nam-tolcheefi uumamaa naannawichatti uumame qolachuun gahee olaanaa ba’achuu Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo ibsan.

Dhaabbatichi hojiilee naannawichatti hojjete ilaalchisee gabaasa sadaffaa waggaa Keeniyaa magaalaa Moombaasaatti gamaaggamaa jira.

Dooktar Warqinaa Gabayyoon haasawaa taasisaniin, walitti bu’iinsaafi wal dhabdee karaa nagaan furuuf kutannoo siyaasaa IGAD naannawicharratti qabu dinqisiifataniiru.

Hojiilee wal dhabdeen daangaa Ityoophiyaafi Sudaa karaa nagaan akka furamuufi walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaa dhaabuuf hojjetaman akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Adeemsa marii hunda hammataafi hirmaachisaa Sudaan Kibbaatti gaggeeffamu deeggaruuf gahee IGAD, tattaaffii Somaaliyaa tasgabbeessuuf taasifamuufi qabsoo garee shororkeessaa Al-Shabaab irratti taasifamus eeraniiru.

Walitti bu’iinsota yeroo ammaa nageenyaafi tasgabbii naannawichaa tuquu danda’an eeraniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.