Fana: At a Speed of Life!

IGAD Proojektii kutaalee hawaasaa naannoo Daangaa Ityoo -Keeniyaa jiraatan fayyadamoo taasiisu ifoomse

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa IGAD Proojektii kutaalee hawaasaa naannoo Daangaa Ityoo -Keeniyaa jiraatan fayyadamoo taasiisu ‘Mooyaalee – Mooyaalee’ jedhamu guyyaa har’aa ifomseera.

Bakka buutoonni Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa keessaa walitti babba’an proojektoota ilaalchisee Finfinneetti mari’ataniiru.

Proojektoonni hariiroo biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa gidduu jiru cimsu sadi adda ba’uu Daayreekterri Damee Fayyaa fi hawaasummaa IGAD Aadde Fatiyaa Alwaan dubbataniiru.

Hojiirra oolmaa boqonnaa jalqabaa Proojektoota kanneeniif maallaqni deeggarsa mootummaa Jarman irraa argame Yuuroon miiliyoonni 20 qabamuu ibsaniiru.

Proojektii Mooyaalee – Mooyaaleef Yuuroo miiliyoonni 4 ramadamuu himaniiru.

Proojektiin kun gama lamaaniinuu maatii kuma 1 fi 600 fayyadamoo kan taasiisu ta’uu eeraniiru.

Proojektichi fayyadamummaa waloo biyyoota lamaanii kan mirkaneessu ta’uu bakka bu’aan Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa obbo Geetuu Girmaa eeraniiru.

Ifoomuun proojektichaa hariiroo hawaasummaa, Diinagdee fi Aadaa ummata biyyoota lamaanii naannoo Daangaa jiraatanii kan cimsu ta’uu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.