Fana: At a Speed of Life!

IGAD tarsiimoo wabii nyaata mirkaneessuu namoota miiliyoona 15 qopheesse

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Mootummootni Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD)  tarsiimoo wabii nyaata namoota miiliyoona 51f mirkaaneessu danda’uu qopheesseera.

Proojaktichi dhuma bara Faranjoota 2020 tti miseensa biyyoota IGADf ni diriira jedhameera.

Proojaktiin kunis rakkoo wabii nyaatan dhufuu ni fura jedhamet eegama.

Akka qorannoon ogeeyyin teeknikaa IGAD gaggeessan muul’dhisuutti namoonni miiliyoonni 50.6 rakkoon wabii nyaata ni saaxilamu jedhameera.

Namoonni kunneen dhuma bara Faranjoota 2020tti deeggarsi nyaata ni barbaachisa jedhameera.

Keessayu bara kana kan muudate weerarri COVID – 19, babal’achuu hoomaa awwannisa, jijjiirrama qabeenya qilleensa, dhiibbaa diinagdee waan uumameef rakkoon hanqina wabii nyaata yaaddoo itti ta’uu ibsaniiru.

Guyya har’a kan ifoomee tarsimoochi wabii nyaataa fi nyaata madaalawa dhiyeessuuf shooraa olaanaa qaba jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.