Fana: At a Speed of Life!

IGAD tokkummaa naannichaaf kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Adooleessa 16, 2013 (FBC) – Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa ‘IGAD’ tokkummaa naannichaaf kan hojjetu ta’uu beeksiise.
Ummattoota biyyoota ollaa Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa gidduutti walitti hidhamiinsi damee Fayyaa, Qonnaa fi kanneen biroo akka jiraatu taasiisuun tokkummaa diinagdee Ardiichaa uumuuf dhaabbatichi kan hojjetu ta’uu Barreessaa Olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyohu himaniiru.
Dooktar Warqinaan hojiilee misoomaa naannoo dangaa Mandheeraatti hojjetamu daawwataniiru.
Deeggarsa biyyoota lamaan fayyadamoo taasiisu bulchaa naannoo Mandheeraa Alii Roobaaf laataniiru.
Hojiileen misoomaa ummatoota naannoo daangaa biyyoota lamaanitti hojjetaman nageenyaaf murteessaa ta’uu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alam himaniiru.
Deeggarsa IGAD taasiise galateeffataniiru.
Garichi hojiilee misoomaa Mandheeraatti argamu daawwachuu isaa ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.