Fana: At a Speed of Life!

Iiraan preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traampirratti ajaja hidhaa baaste

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Iiraan preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traampirratti ajaja hidhaa baaste.
 
Iiraan ajaja preezdaant Traampin hogganaan waraana warraaqsaa Qaasiim Seleemaaniin na jalaa ajjeefamaniiru jetteetti.
 
Ajjeechaa kana keessaa preezdaantichi kallattiidhan harka waan qabaniif naaf yaa qabaman jetteetti.
 
Iiraan preezdaant Doonaald Traamp Iintarpoolin qabamanii naaf yaa dhiyaatan jetteetti.
 
Sanaafis ajaja hidhaa itti baastetti.
 
Iintarpool garuu amma ammaatti deebii hin laanne.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.