Fana: At a Speed of Life!

Iiraan sodaa vaaryasii koroonaaf manneen barnootaa fi giddugala aadaa cufte

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Iiraan sodaa vaaryasii koroonaaf manneen barnootaa fi giddugala aadaa cufteetti.

Iiraan iddoo vaayrasiin koroonaa itti mul’atetti kan argaman manneen barnootaa fi giddugalli aadaa akka cufamaniif murteessuun ishii dhaga’ameera.

Vaayrasichi jalqaba kan muul’ate Chaayinaa bulchiinsa Hubeey magaalaa Wuhaanitti yammuu ta’u, wayita ammaa biyyoota addunyaa garaagaraattis mul’ataa jiraachuu ragaan ni muuldhisa.

Wayita ammaa Iiraan bulchiinsa Maarikaazitti vaayrasichaan lammileen biyyatti 8 du’uu isaanii Ministeerri Fayyaa biyyichaa beeksiseera.

Nammoonni vaayrasichaaf saaxilaman ammoo 43 ga’aniiru jedhamee.

Kanarratti hundaa’uun biyyattiin bakka vaayrasichi itti mul’ate manneen barnootaa fi giddugalli aadaa garaagaraa akka cufamaniif murteessiteetti.

Kanarra darbees preezdaantiin biyyattii Hasan Ruuhaaniin tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf giddugalli to’annoo biyyaalessaa akka dhaabbatuuf ajaja dabarsaniiru.

Gama biraatin ammoo Iiraanitti lakkoofsi lammiilee vaayrasichaan qabamanii dabaluu irratti hundaa’uun, Tuurk, Afgaanistaanii fi Paaksitaan daangaa biyyattif murteessoo ta’an cufuun himameera.

Chaayinaatti wayita ammaa nammoonni vaayrasichaan du’an kuma 2 fi 592 ga’eera.

Kooriyaa Kibbaatti ammoo guyyaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii dachaan dabalaa jiras jedhameera.

Maddi:-Aljaziiraa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.