Fana: At a Speed of Life!

Iityoo-Teeleekoom baatiiwwan 6 darbanitti galii Birrii biiliyoona 22 ol argate

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Iityoo-Teeleekoom baatiiwwan 6 darbanitti galii Birrii biiliyoona 22 ol argachuu beeksise.

Iityoo-Teeleekoom baatiiwwan 6 darbanitti tajaajilootaa fi oomishaalee haaraa fi fooyya’an biyya keessaa fi alaa gabaaf dhiyeesssuun waliigala galii Birrii biiliyoona 22.04 argachuu ifoomsera.

Raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaatun yoo madaalamu %32 guddina agarsiisera.

Baatiiwwan jahan darbanitti proojektoonni 3G(dhaloota 3ffaa) maamiltoota  kuma dhibba 7 fi kuma 56 fi 741 keessummeessuu danda’an xumuramaniiru.

Dabalataan neet woorkii moobaayilaa 2G(dhaloota 2ffaa) kuma dhibba 1 fi kuma 70 fi 735 uumuun danda’amuu isaa hojii raawwachiiftuun Iityoo–Teeleekoom aadde Fireehiyiwat Taammiruun ibsaniiru.

Gama biraatin itti fayyadama dandeettii daataa ariitiin keessummeessuun kan danda’u humna  ‘Geetweey’ idil addunyaa walakkaa waggaatti % 71tti ol guddisuun danda’amuu dubbataniiru.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.