Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa diinagdee Diijitaalaaf Dhaabbileen tumsaan akka hojjetan Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Adooleessa 17, 2013 (FBC) – Ijaarsa diinagdee Diijitaalaaf Dhaabbileen tumsaan akka hojjetan Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii waamicha dhiyeesseera.

‘Imala diijitaalaa Ityoophiyaa waggaa tokkoo Ijaarsa Diinagdee Diijitaalaaf’ mata duree jedhuun tarsiimoon ce’umsa diijitaala Ityoophiyaa 2025 raggaa’ee erga gara hojiitti galamee hanga ammaatti hojiilee hojjetamanii fi yeroo itti aanu hojjetamanirratti hoggantoota mootummaa waliin Finfinneetti mari’atameera.

Tarsiimoo Diijitaalaa Ityoophiyaa 2025 dhugoomsuuf tattaaffii ijaarsa Diinagdee Diijitaalaa taasiifamaa jiruuf dhaabbileen tumsa taasiisuu akka qaban Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay waamicha dhiyeessaniiru.

Qophicharratti Waajjira Muummee Ministeera, Nageenyi odeeffannoo, Intalajansiin Artifishaalii, Inistiityuutii Saayinsii Hawwaa, Komishiniin Carraa Hojii Uumuu,Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo, Inistiityuutii Teeknooloojii fi Innooveeshinii dabalatee dhaabbileen dhimmi ilaallatu hirmaataniif ibsi taasiifameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.