Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Hidha Haaromsaa weerara vaayrasii koroonaatin ala wanti gufachiisu tokkollee hin jiru jedhame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Ijaarsa Hidha Haaromsaa weerara vaayrasii koroonaatin ala wanti gufachiisu tokkollee hin jiru jedhame.
 
Waggaa 9ffaan dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsaa itti kaa’ame mariidhan kabajameera.
 
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ijaarsi hidhichaa dhiibbaa biyyoota alaatinis ta’e, rakkoo keessoo kamiitinuu hin harkifatu, hin gufatu jedhaniiru.
 
Adoolessa dhuftu bishaan meetriik kiyuubii biiliyoona 4.9 qabuuf hojjetamaa jiras jedhan.
 
Karoora kana milkeessuuf hawaasni weerara vaayrasii koroonaarraa of eeguun, hirmaannaa isaa cimsuu qabaanis dhaamaniiru.
 
Hoji raawwachiisaa olaanaan Tajaajila Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaan yeroo jedhametti bishaan guutuun yoo hin danda’amin, anniisaa waggaa tokkotti maddurraa Ityoophiyaan galii Yuuroo biiliyoona 1 kan dhabdu ta’uu ibsaniiru.
 
Raawwiin hojii siiviil injiinariingii %86, elektiroo meekaanikaalli %44, raawwiin waliigalaa ammoo %72.4 irra ga’uu hoji gaggeessaa olaanaan proojaktichaa Injiinar Kiflee Horroon ibsaniiru.
 
Itti gaafatamtuun Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa Biyyoolessaa aadde Roomaan G/sillaaseen baatiiwwan 8n darbanitti Birrii miiliyoonni 405.9 gurgurtaa boondii fi kennaadhan argamuu eeraniiru.
 
Waliigalaan biyya keessaa fi alaa galii Birrii biiliyoonni 13.4 argameera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.