Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Proojektii Misooma Jallisii 6f fooyya’iinsi qorannoo fi Dizzaayinii hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2013 (FBC) – Proojektoota Misooma Jallisii 6 baasii Birrii miiliyoona 53 ijaarramaniif fooyya’iinsa Qorannoo fi Dizzaayinii hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Misooma Jallisii beeksiise.
Proojektoota Jallisii naannolee sadi keesatti ijaarraman kanneeniif hojiin fooyya’iinsa Qorannoo fi Dizzaayinii bara baajataa 2013 keessa guutummaatti kan xummuramu ta’uu ibsameera.
Proojektoota naannoo Oromiyaa 2, naannoo Amaaraa 3 fi naannoo Kibbaa 1 keessatti hojjetamaniif hojiin Fooyya’iinsa Dizzaayinii fi Qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu Komishinichi ibseera.
Ijaarsi proojektoota kanneenii xummuramuun wayita gara hojiitti galan lafa hektaara kuma 64 fi 253 misoomsuuf dandeettii kan qaban ta’uu ragaan Komishinii Misooma Jallisiirraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.