Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa tarminaalaaf wal harkaa fuudhiinsi iddoo gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) –Tarminaala konkolaattoota fe’umsaa daangaa ce’aa ijaaruuf wal harkaa fuudhinsi lafa hektaara 9 taasifamuu Ministeerri Geejjiba beeksise.
 
Tarminaalli kun naannoo Somaalee godina Shinlee Siitii aanaa Ayshaa ganda Daawwalleetti kan ijaarramu ta’uu ibsameera.
 
Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Geejjiba Federaalaa obbo Abdiisaa Yaadataan iddichaatti argamuun wal harka fuudhinsa taasisaniiru.
 
Ijaarsa isaa ariitiin xumursiisuun yeroo gabaabaatti tajaajilaaf akka oolu kan hojjetamu ta’uu obbo Abdiisaan dubbataniiru.
 
Konkolaattoonni fe’umsaa daangaa ce’aa Jiibuutii yeroo meeshaalee fe’uuf imalan hanga dabareen isaan qaqqabuutti tarminaala kana keessa akka turan ta’a jedhame.
 
Tarminaalichi kutaa qulqullinaa, aara galfii, kutaa nyaataa, kutaa qorannoo yaalaa fi wantoota bu’uraa biroo hunda kan guuttate ta’uu ibsameera.
 
Ijaarramuun tarminaala kanaa rakkoo, baasii fi dhamaatii konkolaachiftoota daangaa ce’aarra ga’aa ture ni hambisa jedhamee eeggama.
 
Konkolaattoonni yeroo dabareen isaanii ga’e qofa gara Jiibuutii akka galan hojmanni kan diriirfamu ta’uu ibsameera.
 
Tarminaalichi konkolaachistoonni dhibee vaayrasii koroonaan akka hin saaxilamne shoora olaanaa kan qabu ta’uu ragaan Ministeera Geejjibaarraa arganne ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.