Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Daandii Konkiriitii Aspaaltii Turmii – Oomoo Kiiloo Meetirri 48 xumurame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Hojiin Ijaarsa Daandii Konkiriitii Aspaaltii Turmii – Oomoo Kiiloo Meetirri 48 xumuramuu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaa beeksise.

Kiiloo Meetirri 55 ammoo ariitiin hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsa hafe qulqullinaan xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ijaarsa daandichaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 97 baajata mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifame yoo ta’u, dhaabbanni ijaarsaa Raamaa jedhamu hojicha gaggeessaa jira.

Hojiin too’annoo fi gorsaa dhaabbata ‘Istaadiiyaa Injiinariing Konsaltaant Workis’ jedhamuun hojjatamaa jira.

Ijaarsi daandichaa wayita xumurame magaalaa Turmii magaalaa Kaangaateen waliin walitti hidhuun rakkoo geejjibbaa naannichaatti ture ni fura jedhamee eeggama.

Akkasumas daandii kanaan hidhata kan qabu ijaarsa daandii Aspaaltii Wayxoo Turmii eegalchiisuuf adeemsi caalbaasii xumuramaa jiraachuu ibsameera.

Bara kana adeemsi isaa xumuramuun gara hojiitti kan galamu ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.