Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi gamoo dhaabbii konkolaattoota gabaa Shoolaa raawwatamaa jira

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Ijaarsi gamoo dhaabbii konkolaattoota gabaa Shoolaa raawwatamaa jira.

Gamoon kun lafa jalaa abba darbii lamaa fi lafarraa ol ammoo abbaa darbii 5 kan qabu yoo ta’u, yeroo amma kanas ijaarsiisaa eegaleera.

Darbii tokko tokkoon isaa walitti hidhamiinsa adda addaa kan qabuu fi al tokkootti konkolaattoota kuma 1 keessummeesuuf dandeetti qaba jedhameera.

Proojektichi xumuramuun wayita tajaajilaaf qaqqabuu rakkoo tiraafikaa naannichatti muudatuu furuuf shooraa olaanaa qaba jedhameera.

Proojektiichaan to’annoo nageenyaa ammayaa’aa fi meeshaaleen tajaajilaa laataan hojiirra ni ooluu jedhameera.

Proojektichi baasii Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 30 bulchiinsa magaalichaan ijaarramaa jiraachuu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.