Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi hidha haaromsaa hamma xumuramutti yeroo muraasafillee wanti nu dhaabu hin jiru- Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2013 (FBC) – Ijaarsi hidha haaromsaa hamma xumuramutti yeroo muraasafillee wanti nu dhaabu hin jiru- Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibsa baaseen ergaa Preezdantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hidha haaromsaa irratti dabarsan ilaachisuun mootummaa Ameerikaas ta’e ummata Ameerikaa kan madaalu miti jedheera.

Manni marichaa haasaan akka kana preezdaanti biyya demokiraasii, walqixummaa fi haqaafaan dhaabbadha jedhurra dhaga’amuun saalfachiisadha jedheera.

Haasaa preezdaanti Doonald Tiraamp taasisaan kun hawwii dhuunfaa isaanitti malee bifa kamiinuu ummataa Ameerikaa bakka kan hin buune ta’uu beeksiseera.

Ummaanni Ityoophiyaa fi Ameerikaa hariiroo baroota dheeraa waliin qabaachuu kan ibse manni marichaa, akkasumas mootummaan Ityoophiyaa fi Ameerikaa hariiroo cimaa qabaachuu ibseera.

Hariiroo kunis cimee itti fufa jedheera.

Hidhi haaromsaa lammiilee Ityoophiyaf aasxaa eenyummaa akkasumaas siidaa waadaa taa’uu beeksiseera.

Lammiileen Ityoophiyaa yeroo kamiyyuu caala wayita ammaa kana tokkummaan dhaabbachuu qabna jedheera.

Tokkummaan dhaabbachuun filannoo otuu hin taane dirqama, dhimma birmadumaa ta’uu beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.