Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Hidha haaromsaa haqqummaa biyyoota yaa’insaa fi fayyadamummaa waliinii kan cimsu ta’uu obbo Gadduun ibsan

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) – Ijaarsi Hidha haaromsaa haqqummaa biyyoota yaa’insaa fi fayyadamummaa waliinii kan cimsu ta’uu Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw ibsa.

Mariin mata duree “dhimmoota ijoo Hidha Haaromsaa, kallaattii gara fulduraa fi ga’ee diyaaspooraa” jedhu irratti gaggeeffameera.

Maricharratti Ministira Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw dabalatee biyyoota yaa’insa Naayilitti kan argaman ambaasaadaroonni FDRI hirmaataniiru.

Obbo Gadduun ijaarsa hidha haaromsaa lammiilee Ityoophiyaa biyyaa keessaa fi alaan baasii ofii isaaniin proojaktii ijaarani ta’uun guutinsi bishaanii waggaa jalqabaa haalaa gaarii rawwatamuu baga gammadan jedhaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa hidhichi hanga xumuramutti deeggarsa hanga har’aatti taasisaa jiran cimsanii akka itti fufan, carraaqqii ambaasaaddaroonni taasisaan cimee akka itti fufu obbo Gadduun waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.