Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi marsaa jalqabaa buufata gogaa fi tarminaala Warataa ebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Ijaarsi marsaa jalqabaa buufata gogaa fi tarminaala Warataa ebbifame.

Sirna ebbichaarratti preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah, ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas, qondaaltonni federaalaa fi naannoo Amaaraa biroon argamaniiru.

Sudaan bulchiinsa Gadaariifitti bulchaa kan ta’an Meejar Jeneraal Nasraddiin Abdiin sirnicharratti hirmaataniiru.

Ijaarsi marsaa jalqabaa heektaara 3rratti keessummeessaa fi tarminaala koonteeynaraa fi konkolaattotaa, mankuusaa kaaree meetira 500, gamoo waajjiraa, daandii keessoo, iddoo eegumsaa fi dallaa kan dabalatedha.

Bishaan eelaa, bo’oo dhangala’aa, jenereetara of eeggannaa, elektiriikaa fi bu’uuraalee misoomaa biroo kan dabalatedha.

Ristee Tsaggaayeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.