Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaa Uumaa Baankii Addunyaatti Daayreektar Afrikaa Bahaa fi Kibbaa  waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 11, 2013 (FBC)- Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa Baankii Addunyaatti Daayreektar Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Usmaan Diyoon waliin mari’atan.

Injiinar Taakkalaa Uumaa riiformii fi jijjiirama imaammataa fi seeraa damee albuudaa fi kanneen walqabatnirratti ibsa laachuu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun hojiiwwaan damichaarratti hojjetaman ilaalchisuun hoogganticha waliin mari’achuu himaniiru.

Baankii Addunyaatti Daayreektar Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Usmaan Diyoon gama isaaniin baankiin addunyaa hojiiwwan damee albuudaa fi boba’aarratti hojjetamu akka deeggartu ibsaniiru.

Akkasumaas deeggarsa oogumaas kan taasisaan yoo tahu, fuula duratti deeggarsa ijaarsa dandeettii fi invastimantii irratti akka taasisaan mirkaneessaniiru.

Barbaacha kuusaa qabeenyaa teeknooloojiin deeggaramerratti waliin hojjechuu waliigaluu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.