Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi sirna gabaa Diijitaalaa eegalame cimee itti fufuu qaba jedhame

Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Ijaarsi sirna gabaa Diijitaalaa eegalame cimee itti fufuu akka qabu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.

Waltajjii marii mata duree “Eegumsa Maamiltootaa Diinagdee Dijitaalaa Keessatti” jedhu “F. S. D” Ityoophiyaa qophaa’e gaggeeffameera.

Maamiltootaa tajaajila itti gaafatamummaa qabuu fi madaalawaa ta’e laachuuf sirna gabaa diijitaalaa babal’isuun murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huriiyaa Aliin ibsaniiru.

Qajeelfamnii fi labsiin sirna gabaa Diijitaalaa ba’uun hojiirra ooluu eegaluu kaasaniiru.

Sirnichi yeroo ammaa karaa qabachuun imala ijaarsa sirna diijitaalaa Ityoophiyaan qabatte milkeessuuf qooda qabaachuu dubbataniiru.

Sirni gabaa diijitaalaa hannaa fi gowwoomsii maamiltootarraa qaqqabu hambisuun sirni bittaa fi gurgurtaa nageenyi isaa eegame akka gaggeeffamuuf kan tumsu ta’uu marichaan ka’eera.

Tigisti Asmaamaawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.