Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsii laabraatooroota ammayyaa doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 oliin kutaalee biyyatti garaagaraatti ijaarramufi

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Ijaarsii laabraatooroota ammayyaa doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50n kutaalee Ityoophiyaa garaagaraatti ijaarramufi jedhame.

Ijaarsii laabraatooroota kanneenii maallaqaa deeggarsa fi liqaa Baankii Addunyaarra argameen ta’uu Inistiityuutin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Laabraatooroonni ijjarraman kanneen ammayya’oo fi sadarkaa isaanii kan eeggatanidha jedhame.

Ityoophiyaarra darbees biyyoota Afrikaa bahaaf dandeettii tajaajila laachuu qaba jedhameera.

Ijaarsi isaas waggoota 3 hanga 4 kan fudhatu yoo ta’u, ijaarsii laabraatooroonni 15 naannooleetti ijaarramaan waggaa 2 keessatti kan xumuraman ta’uu eeramera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.