Fana: At a Speed of Life!

Ikkuwaatooriyaal Giiniitti dhohiinsa uumameen lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC)- Ikkuwaatooriyaal Giiniitti dhohiinsa uumameen lubbuun namoota 15 darbeera.
Balaa dhohiinsa guddaa Ikkuwaatooriyaal Giinii magaalaa Baataa raaseen yoo xiqqaate lubbuun namoota 15 darbuu ibsameera.
Dhohiinsa naannawa iddoo jireenyaa humna waraanaa biyyattiitti kaleessa mudate kanaan namoonni 500 ta’an miidhamaniiru.
Ka’umsi balaa kanaa mooraa humna waraanaa keessatti meeshaan waa barbadeessuuf oolu (dynamite) of eeggannoo dhabuudhaan seeraan ala dhukaafamuudhaanii jedhameera.
Lammiilee dho’insichaan miidhamaan baraaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Dhoo’insicha waaliin walqabsiisee mootummaan deeggarsa idil addunyaa gaafateera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.