Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministira Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachawn  durfamu lammiilee Sudaan balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasisuuf sudaan gale

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) –Jilli Ministira Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachawn  durfamu lammiilee Sudaan balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasisuuf sudaan galeera.

Obbo Gadduun wayita kana haasaa taasisaniin rakkoon ummata Sudaan qunname lammiileen Ityoophiyaa akka mataa isaanitti akka ilaalanii fi deeggarsi kun maqaa ummataa fi mootummaa Ityoophiyaa dhufuu ibsaniiru.

Jilichi wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Kaartuum ga’u Ministirri eeggataa dhimma Alaa Sudaan Omaar Qamar-Aldiin Ismaa’eel fi qaamoleen mootummaa olaanoo biroon simannaa taasisaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.