Fana: At a Speed of Life!

Ilmi gaazexeessaa Jamaal Kaashoogjii maatiin isaa warra abbaasaa ajjeesaniif dhiifama gochuu isaanii hime

Finfinnee, Caamsaa 14,2012(FBC) -Ilmi gaazexeessaa Jamaal Kaashoogjii maatiin isaa warra abbaasaa ajjeesaniif dhiifama gochuu isaanii hime.
 
Baatii qulqulluu Ramadaanaa keessa dhiifama waliif gochuun gatii qaba jedhan ilmi Jamaal Kaashoogjii.
 
Jamaal Kaashogjii mootummaa Saawud Arabiyaa qeequudhaan beekamaa ture.
 
Mooraa Qoolsiilaa Saawudii kan Istaambuliitti argamu keessaatti bara Faranjootaa baatii Onkolooleessa, 2018 ajjeefame.
 
Kaashogjiin Gaazeexaa ‘Washington Post’ jedhamuuf barreessaa kan ture yoo ta’u, hanga guyyaa du’eettis Ameerikaa keessa jiraataa ture.
 
Muddee 2019 keessa ammoo shakkamtoota ajjeechaa isaan shakkamanii too’annoo jala oolaan 11 keessaa shanirratti adabbiin murtee du’aa darbee ture.
 
Namoonni sadi ammoo adabbii cimaa waggaa 24 adabamanii akka turan ibsameera.
 
Haa ta’utii , dhaabbileen mirga namoomaa akkataa ajjeechaan gaazexeessaa kanaa qaama walaba ta’een qoratamuu akka qabu gaafataa turan.
 
Alkan qulqulluu ji’a qulqulluu Ramadaanaa keessa waan Waaqni jedhu yaaduun, dhiifama taasisuun nagaa buusuun Waaqarra eebba argachuudha jedha Saalaah Kaashoogjii.
 
”Kanaafuu nuti ijoolleen gaazexeessaa Kaashoogjii kanneen abbaa keenya ajjeesaniif dhiifama taasiisuun, oolmaa keenyaa Waaqa hunda danda’u irraa eegganna.”jechuun ibsuu isaa himameera.
 
Madda:-al jazeera
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.