Fana: At a Speed of Life!

Ilmi Pireezidaantii Yugaandaa Jeneraal Muhoozii Kaayineerugaabaan barana soorama ba’uun dirqama ta’uu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) –Ilmi Pireezidaantii Yugaandaa Yuuweerii Muuseeveebii Jeneraal Muhoozii Kaayinarugaabaan waraanaa biyyattii keessaa barana soorama ba’uuf murteessuu beeksisan.

Jeneraal Muhoozii Kaayinarugaabaan waraanaa Yugaandaa keessa waggoota 30f erga tajaajilanii booda murtoo kanarra ga’uu fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.

Humna Waraana Yugaandaa keessatti gaggeessaa humna lafoo ta’uun yeroo dheeraaf tajaajilaa turaniiru.

Jeneraal Muhoozii Kaayinarugaabaan yeroo heddu fuula Tiwiitara isaarratti dubbii falmisiisaafi qoccolloo akkasumas qoosaa makate barreessun beekamu.

Filannoo bara 2026 gaggeeffamuuf pireezidaantummaaf akka dorgomu bara darbe beeksisee ture.

Jeneraalli waraanaa kun abbaa isaa waggoota hedduuf Yugaandaa gaggeesse bakka bu’uuf of qopheessaa jira jedhamuun hamatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.