Fana: At a Speed of Life!

Imbaasichi ambaasaaddaroota teessoo isaanii Kaayroo taasiisuun dhimma Ityoophiyaarratti hojjetaniif haala yeroorratti ibsa laate

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Gibtsitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Maarqos Takleen ambaasaaddaroota teessoo isaanii Kaayroo taasiisuun dhimma Ityoophiyaarratti hojjetaniif haala yeroorratti ibsa laatan.
Ambaasaaddar Maarqos Takleen duula olaantummaa seeraa markaneessuu naannoo Tigraayiiti gaggeeffame ilaalchisee ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa taasiisaniiru.
Viidiyoo Konfaransiin Ambaasaaddaroota fi dippiloomaatoota Imbaasiwwan Boosiniiyaa fi Herzoogooviiniiyaa, Kirooshiyaa, Ikkuwaadoor, Istooniiyaa, Laatiiviiyaa, Maaltaa, Maaynaamaar, Naappaal, Paanaamaa fi Filiippiinsiif ibsi laatameera.
Mootummaan sirna hammataa fi sirrii diriirsuuf murannoo qabaachuu ambaasaaddar Maarqos ibsaniiru.
Akkasumas duula olaantummaa seeraa kabachiisuuf naannoo Tigraayitti gaggeeffamee fi duulaan booda haala jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.
Mootummaan iddoolee duulli itti gaggeeffameetti lammiileen nagaa akka hin miidhamne deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu ibsaniiru.
Ijaarsa Hidha Haaromsaarratti garaagartee jiru mariin furuuf Ityoophiyaan qophii ta’uu ishee fi mariin sadee gaggeessummaa gamtaa Afrikaan eegalame irra deebiin akka jalqabu abdii qabaachuu eeraniiru.
Hirmaattoonni gama isaaniin ibsa laatameen odeeffannoo ifaa fi sirrii argachuu isaaniif galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.