Fana: At a Speed of Life!

Indaastiriiwwan huuccuu Ityoophiyaa jiran deeggaruuf Biriitaaniyaa fi jarman deeggarsa Doolaara miiliyoona 6.5 ifoomsaniiru

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) – Indaastiriiwwan huuccuu Ityoophiyaa jiran deeggaruuf Biriitaaniyaa fi jarman deeggarsa Doolaara miiliyoona 6.5 ifoomsaniiru.

Biyyoonni lamaan mootummaa Ityoophiyaa waliin ta’uun deeggarsi ifoomsaan indastiriiwwan huuccuu namoonni hedduun hojii isaanii akka itti fufanii fi diinagdeen Ityoophiyaa dhiibbaa vaayrasii koroonaarraa akka bayyaanatuuf kan gargaarudha jedhameera.

Kanaanisa, indaastiriiwwan huuccuu fooyya’insa miindaa akka taasisanii fi dhiibbaa vaayrasiin koroonaa uumuu akka dhaabbataniif jedhameera.

Deeggarsichi kaleessa kan ifoome yoo ta’u, deeggarsa dabalataa taasisuuf sochiin akka ta’au Vooysi Onlaayiniin gabaaseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.