Fana: At a Speed of Life!

Indiyatti namoonni saanitaayizara dhugan sagal du’an

Finfinnee, Adoolessa 25, 2012 (FBC) – Indiyatti namoonni saanitaayizara dhugan sagal du’an

Indiyatti guyyoota laman darbanitti namoonni saanitaayizara dhugan sagal du’an.

Qondaalli poolisii ol’aanaan naannoo Kuriicheeduu akka jedhanitti namoonni araada alkoolii qaban saanitaayizar alkoolii of keessaa qabu dhugaa turan jedhan.

“Sababa uggura Covid-19’f alkoolii akka salphatti hin argatan, saanitaayizara garuu salphumatti argatu,” jedhan qondaalli kun.

Dabalataanis namoonni saanitaayizar harkaa dhugan biroos hospitaalaa akka bahan ibsaniiru.

Du’asaanii irratti qorannoon taasifamaa jira.

Indiyatti namoonni miiliyoona 1.63 ta’an vaayrasii koroonaadhaan kan qabaman yoo ta’u, 35,000 ammoo du’aniiru.

 

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.