Fana: At a Speed of Life!

Indooneezhiyaatti sigiga lafaa muudateen miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Indooneezhiyaatti sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota 12 yoo darbu namoonni hedduun lafa jalatti awwaallamuu ibsame.

Indooneezhiyaa, Jaavaa gara Lixaa keessatti balaa sigigaachuu lafaa muudateen yoo xiqqaate namoonni 12 du’uun kan mirkanaa’e yoo ta’u, hedduun ammoo lafa jalatti awwaallamanii dhabamuu himameera.

Hanga ammaatti namoonni 27 caalan lafa jalatti awwaallamanii jiran jedhame.

Namoota 46 ammoo baraaruun danda’ameera.

Lubbuu baraartonni namoota gargaaruuf gara sana imalan hedduun lafa jalatti awwaallamuu ibsameera.

Itti gaafatamaan Dhaabbata Sodaa Balaa biyyattii Raaditya Jaatii sababiin balaa kanaa rooba cimaa ta’uu himaniiru.

Hojjettoonni lubbuu baraaruuf garas imalan hedduun lafa jalatti awwaalamuui fi kan du’anis jiraachuu himaniiru.

Hojiin lubbuu baraaruu kun har’as kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.