Fana: At a Speed of Life!

Indoonezhiyaatti balaan abiddaa mana hidhaa keessatti muudate lubbuu namoota 41 galaafachuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Indoonezhiyaatti balaa abiddaa mana hidhaa keessatti muudateen yoo xiqqate lubbuun namoota 41 darbuu ibsameera.
 
Balaan abiddaa kun ganama har’aa mana hidhaa Tangerangi jedhamu keessatti osoo sirreeffamtootni rafaa jiranuu kan qaqqabe ta’uu eerameera.
 
Wayita balaan kun muudatu sirreeffamtoonni 122 Bilookii tokko keessa turuu ibsameera.
 
Namoonni manicha keessatti hidhamanii jiran qoricha sammuu hadoochu waliin wal qabachuun kanneen hidhamanidha jedhame.
 
Rakkoon sarara ibsaa balichaaf sababa ta’uu himameera.
 
Namoonni 41 yoo du’an, namoonni hedduun ammoo miidhamuun kutaa yaala wallaansa cimaa keessa jiru jedhame.
 
Maddi:-BBC
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.coM
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.