Fana: At a Speed of Life!

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa ‘CDC’ Chaayinaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Giddugalli Ittisaa Dhibeeewwanii Chaayinaa (CDC) walta’iinsa isaanii cimsuun sirna ittisaa fi to’annoo dhibeewwanii fooyyessuuf kan dandeessisu waliigaltee mallatteessaniiru.

Qopheessumaa misiyoonii Ityoophiyaa Chaayinaa jiruun mariin viidiyoo koonfiraansiin gaggeeeffameera.

Saganticharratti, Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan, waliigaltechi, walta’iinsaa fi hariiroo dhaabbilee lameenii caalmaan kan cimsuudha jedhan.

Qabiyyee Fooramii walta’iinsaa Chaayinaa-Afrikaatiin, walta’iinsa damee fayyaan Afrikaa fi Chaayinaan qabaniif faayidaa akka qabaatu ibsaniiru.

Daayrektarri Giddugala Ittisa Dhibeewwanii Chaayinaa Pirofeessar Sheen Hoongibiing, waliigaltechi dhaabbilee lameen giddutti gaggeeffamuun yeroo jalqabaaf muudama isaanii booda ta’uu ibsuun, bu’aa qabeessummaa walta’iinsichaaf deeggarsa barbaachisaa hunda akka taasisan ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Haayiluu gama isaaniin, walta’iinsichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf isaaniis ta’e dhaabbanni isaanii ciminaan akka hojjetan dubbachuu isaanii ragaan Chaayinaatti Embaasii Ityoophiyaaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.