Fana: At a Speed of Life!

Inistiityuutichi ragaa Saatalaayitirraa argamu sirnaan hojiirra oolchuu akka qabu eerrame

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Inistiityuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa ragaawwan Saatalaayitirraa argamu sirnaan hojiirra oolchuu akka qabu koreen dhaabbii dhimmoota qabeenya namaa fi Teeknooloojii hubachiise.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota qabeenya namaa fi Teeknooloojii sosochii hojii Inistiityuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa daawwateera.

 

Inistiityuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu dhabuu isaan ragaawwan Saatalaayirraa argaman qabatamaan gara hojiitti jijjiiruurratti hanqinni jiraachuu korichi daawwannaa taasiiseen hubachuu ibseera.

 

Keessattuu Inistiityuutichi faayidaa biyyaaf qabu hawaasa hubachiisurratti hanqinni bal’aan jiraachuu walitti qabduun korichaa aadde Immiyyee Bitaw ibsaniiru.

 

Hoggantoonni Inistiityuutichaa dandeettii ogeeyyii fi barattootaa cimsuuf murannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa obbo Abdiisaa Yilmaa gama isaaniin Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2020 biyya Afrikaa keessaa Saatalaayitii furgusiifte ta’uu ibsuun, yaadoota korichi kaase akka galteetti fudhachuun yeroo itti aanu xiyyeeffannoon irratti kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.