Fana: At a Speed of Life!

Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi CDCn Chaayinaa tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessan

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi CDCn Chaayinaa dhimmoota tumsaan hojjechuuf isaan dandeessisurratti Viidiyoo Konfirensiin mari’ataniiru.
Dhaabbileen lamaan sirna hordofii dhibee,qabiinsa ragaa Fayyaa, bulchiinsa balaa tasaa hawaasaa, nageenya nyaataa, ijaarsa dandeettii, qorannoo fi qo’annoo, ijaarsa giddugala laabraatoorii fi kanneen biroorratti tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Chaayinaa fi Ityoophiyaan hariiroo dippiloomaasii cimaa fi tumsa tarsiimoo hunda galeessa qabaachuu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan ibsaniiru.
Dhaabbileen lamaan yeroo itti aanu sanada waliigaltee mallatteessuun hariiroo isaanii caalmaatti cimsanii kan itti fufan ta’uu eeraniiru.
Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Hayiluu fi Daayrektarri CDC Chaayinaa Proofeesar Joorji Faa Gaawoon maricharratti hirmaachuu ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.