Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Siyaasaan arganne diinagdee fi beekumsaan akka deeggarruuf malee, akka injifannee teenyuuf miti-Aadde Loomii

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)- Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo Injifannoon Siyaasaan arganne diinagdee fi beekumsaan akka deeggarruuf malee, akka injifannee teenyuuf miti jedhan.

Godina Addaa Oromiyaa Naanawaa Finfinneetti manneen barnootaa moodela ta’an 6 Birrii miiliyoona dhibba 1 miiliyoona 28’n ijaaruuf hojiin eegalameera.

Manneen barnootaa kunneenis Aanaalee Aqaaqii, Sabbataa Hawaas, Muloo, Barraak, Walmaraa fi Sandaafaa keessatti ijaaramu jedhameera.

Kana malees, dargaggoota hojii dhabeeyyii 150 waldaan gurmaa’aniif tiraaktara 10, dubartoota barumsa xummuranii hojii dhaban 36’f ammoo maashinni Daabboo 4 kennameefis dhiyeenyatti hojii eegalu jedhameera.

Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naanawaa Finfinnee Obbo Girmaa Hayiluu jiraattonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee rakkoo hawaas-Diandee qaban furuuf hojiileen misoomaa garaagaraa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Godina Addaa Oromiyaa Naanawaa Finfinnee waliigalatti Manneen barnootaa Birrii Miiliyoona dhibba 2 fi 72’n ijaaraman barattoota 5000 ni simatu.

Qindoomina Hoggansa Magaalaa Finfinneefi Oromiyaatiin barattoonni Godina Addaa Oromiyaa Naanawaa Finfinnee nyaata,yuniformiifi meeshaaleen barnootaa akka guutamuuf hojjatameeras jedhan.

Bishaan dhugaatiiniis Uummannii Godina Addaa Oromiyaa Naanawaa Finfinnee akka fayyadamuufis hojiin hojjatamaa jiras jedhan.

Namoota Oromoof qabsaa’an qaroomiina Oromoo hawwaa ture, Janaraal Taaddasaa Birruu fi Waaqoo Guutuun moggaasnee itti banneef waan isaan barnootaaf xiyyeeffannaa addaa kennaniifi jedhan, Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo.

Finfinneen kana dura uummata buqqisuun beekamtuu erga hoggansi jijjiramaa dhufee badiin ture seenaa ta’ee darbeeraas jedhan.

Kanaafis hoggansa Magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naanawaa Finfinnee galatan qabaaf jedhan.

Oromiyaa keessatti Manneen Barumsaa Bu’uura Boruu 3,000 ijaaruuf karoorfame keessaa % 88 xummuruun tajaajilaaf qophiidha jedhan Dooktar Tolaan.

Oromiyaatti barattoota miiliyoona 11.8 barsiisuuf karoorfanneerra.

Galmeen Manneen Barnootaa hunda keessatti gaggeffamaa jiraachuu kan eeran Dr. Tolaan, Manneen Barnootaa kan dhunfaa Onkolooleessaa 3 bara 2014,kan mootummaa Onkolooleessa 18, barnooti idilee ni eegala jedhan.

Injifannoon Siyaasaan arganne diinagdeefi beekumsaan akka deeggarruuf malee, akka injifannee teenyuuf miti jedhan, Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo.

Hojii waliiin qindaahuun  hoggansi Oromiyaafi Finfinneen dhugaa bakkatti deebisaniif galata guddaan qabaafis jedhan.

Akka OBN gabaaseetti Carraan kun tolaan miti, bu’aa qabsoo keessaniitiin ijaa argameef baga gammaddanis jedhan Aadde Loomiin.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.