Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon wareegama malee hin argamu – Dooktar Abiy

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Injifannoon wareegama malee hin argamu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy duula olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti miidhaan qaamaa kan muudate loltuu Alamituu Hambaa waliin turtii taasiisaniiru.
Dooktar Abiy turtii loltuu Alamituu waliin taasiisan ilaalchisee ergaa fuula Tiwiitarii isaaniin barreessaniin injifannoon wareegama malee hin argamu jedhan.
Gootichi Raayyaa Ittisaa kabaja, bilisummaa fi birmadummaa biyyaa kan kabachiisu dafqaa fi dhiiga kaffaleeti jedhan.
Wareegama tilmaamummaa hin dandeenya kana wayita kaffalu ummanni fi mootummaan cinaa dhaabbachuu qabu jechuun ergaa dabarsan.
Loltoota akka Alamituu duula olaantummaa keessatti miidhamaniif kunuunsaa fi deeggarsa isaan madaalu taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Jireenya hawaasummaa isaanii deeggaruuf hojiin dandeessitu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ityoophiyaan isaaniif wanti hin taane hin jiru jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.