Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan ijaarsa proojaktii daandii Qaalliittii- Qiiliinxoo daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan ijaarsa Proojaktii daandii Qaalliittii – Qiiliinxoo daawwatan.
 
Daandichi Kiiloo Meetira 10.5 kan dheeratu yoo ta’u, meetira 40-60 bal’ina qaba jedhame.
 
Ijaarsi isaa %63 irra ga’eera.
 
Riqichoonni 3 kan xumuraman yoo ta’u, Riqichoonni 2 meetira 175 fi 325 dheeratan ammoo hojjetamuuratti aragamu jedhameera.
 
Injiinar Taakkalaan ijaarsa proojaktii daandii Qaalliittii –Tulluu Diimtuus daawwataniiru.
 
Ijaarramuun daandii kanneenii damee geejjibaa ammayyeessurra darbee sirna geejjiba magaalichaa fooyyeessuuf shoora olaanaa qabaachuu Injiinar Taakkalaan wayita daawwaannaa taasisan himaniiru.
 
Guddina diinagdee fi hawaasummaa ariifachiisuuf qooda olaanaa qabaachus himameera.
 
Dhiphinaa muul’atuu fi balaa tiraafikaa ga’u hir’isuuf illee ga’ee guddaa qabaachuu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalichaarra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.