Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaan Ityoophiyaatti ambaasaaddar Awustiraaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Awustiraaliyaa Piitar Dooyil waliin mari’atan.
 
Ityoophiyaan karoora guddinna biyyattiif toora xiyyeeffannoo taasiifte keessaa misoomni damee Albuudaa isa tokko ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
 
Damicha bifa ammayyaan gurmeessuuf biyyoota garaagaraa waliin tumsaan hojjechuuf fedhiin jiraachuu himaniiru.
 
Ambaasaaddar Piitar Dooyil gama isaaniin biyyi isaanii muuxxannoo misooma albuudarratti qabdu Ityoophiyaaf kan qooddu ta’uu ibsaniiru.
 
Awustiraaliyaan damicha deeggaruuf tumsa kan taasiiftu ta’uu eeraniiru.
 
Ambaasaaddar Piitar konfaransii Awustiraaliyaan baatii Sadaasaa “Africa Down under conference” jedhamu irratti Injiinar Taakkalaan akka hirmaatan affeeruu isaanii ragan ministeericharraa argame ni agarsiisaa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.