Fana: At a Speed of Life!

Injiiner Taakkalaan Proojaktoota Birrii Biiliyoona 10.7 hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiiner Taakkalaa Uumaan Proojaktoota Birrii Biiliyoona 10.7 magaalicha keessatti hojjetamaa jiran daawwatan
 
Proojaktoota Giddugala yaadannoo Adwaa, iddoo dhaabbii konkolaattoota marsaa mootummaa guddichaa fi Mana Kitaabaa namoota kuma 10 ol yeroo tokkotti keessummeessuu danda’u haala ijaarsa isaanii daawwataniiru.
 
Proojaktoonni kunneen baatii 3 fi 4 dura kan eegalamn yoo ta’u, ijaarsi isaanii haala gaariirratti argama jedhame.
 
Magaalichaatti ijaarsi daandiiwwan ammayyaa hedduun gaggeeffamaa akka jiranis ibsameera.
 
Raawwiin Proojaktoota kanneenii yeroo ammaa %20 irra kan ga’e yoo ta’u, yeroo kaa’ameef dursanii akka xumuramaniif hojjetamaa jiru jedhameera.
 
Proojaktoonni kunneen duudhaalee magaalichaaa eeguu fi maqaa magaalichaa ijaaruurratti xiyyeeffachuun hojjetamaa kan jiran ta’uu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.