Fana: At a Speed of Life!

Innisheetiivii Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman eegale Ityoophiyaan ni deeggarti – preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Innisheetiivii Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf eegale Ityoophiyaan ni deeggarti jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
 
Ityoophiyaan fandii abbaa imaanaa dhaabbatichaa weerara vaayrasichaa ittisuuf hundaa’e; ‘Raayiz foor Ool’tti (“Rise for All”) makamuu preezdaant Saahilawarq kaleessa beeksisaniit ture.
Proojaktichi itti aantuu barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammadiin kan ifoome yoo ta’u, weerarichaan miidhaa hawaasummaa fi diinagdee qaqqabu ittisuuf hoggansi dubartootaa gamtooma, carraaqqii fi qabeenya isaanii qindeessuun ga’eesaanii akka ba’atan kan taasisudha.
 
Preezdaant Saahilawarq dabalatee, muummee ministiraa Noorweey Iirnaa Soolbarg, gitni isaanii Baarbaadoos Miyaa Mootlii, daayreektaroonni olaanoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii proojakticha deeggaruuf marii viidiyoo gaggeessaniiru.
 
Ittisa weerara vaayrasii koroonaarratti dirmachuu dhabuun du’a waamuu waan ta’eef, qindoominaan weeraricha qolachuuf ni hojjennas jedhaniiru preezdaant Saahilawarq.
 
Weerara vaayrasichaa dhuunfadhaan ittisuun waan hin danda’amneef hojiin dhaabbatichi eegale jajjabeessadhas jedhan.
 
Fandichaan baatii 9tti Doolaara biiliyoona 1, waggaa 2tti ammoo Doolaara biiliyoona 2 walitti qabuun karoorfameera.
 
Neezarlaand, Noorweeyii fi Deenmaark tumsichatti makamaniiru.
 
Hoggansi dhaabbilee jajjaboo fi siyaasaa biyyoota addaddaa fi dhaabbilee idil addunyaa, namoonni beekamoon torbeewwan itti aananitti ni makamuun eegama.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.