Fana: At a Speed of Life!

Intarneetiin faayidaalee hedduu qabaatus odeeffannoo dogongoraa tamsaasuun Ityoophiyaaf qormaata cimaa ta’ee ture – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti uwwisa Intarneetii babal’isuu fi nageenya saayibarii eeguurratti hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad sirna baniinsa Yaa’ii Bulchiinsa Intarneetii 17ffaarratti argamuun muuxxannoo qoodaniiru.

Intalejansii Arteefishaalaa dameewwan Fayyaa, Qonnaa, Barnootaa, Geejjibaa fi biroon fayyadamuurratti jalqabbii gaariin jiraachuu ibsaniiru.

Uwwisni Intarneetii bara 2017tti miiliyoona 19 ture bara 2022tti miiliyoona 30 qaqqabuu kaasaniiru.

Manneen Barnootaa sadarkaa 2ffaa kumni 2 fi 300 fayyadamtoota Intarneetii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad haasawa baniinsaa taasiisaniin, imala ce’umsa ICT fi Diijataalaa Ityoophiyaa saffisiisuuf ‘yaadoonni qabatamaa fi hojiitti hiikkamuu danda’u’ qophaa’uu akka qabu gaafataniiru.

Intarneetiin faayidaalee hedduu qabaatus odeeffannoo dogongoraa tamsaasuun wayita Ityoophiyaan rakkoo keessa turteetti qormaata cimaa ta’ee turuu eeraniiru.

Yaa’iin kun rakkoolee Intarneetiin walqabatanii dhufan yaada furuu danda’an irratti bal’inaan kan mari’atu ta’uu abdiin qaba jedhan.

Ityoophiyaan waggoottaan lamaan dura tarsiimoo Diijitaala Biyyaalessaa adeemsa diinagdee diijitaalaa saffisiisu hojiirraa oolchuu eeraniiru.

Neetwarkiin 4G magaaloota ummanni keessatti heddummatu keessatti, Neetwarkiin 5G ammoo magaaloota gurguddoo keessatti diriiruun tajaajila kominikeeshinii saffisiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.