Fana: At a Speed of Life!

Iraan Israa’eel irratti tarkaanfii deebii fudhadhaa jechuun akeekkachiste

Finfinneee, Eebila 4, 2013 (FBC)-Israa’eel buufata niwukilaraa Iraan irratti haleellaa raawwachuushee hordoofee tarkaanfii deebii akka fudhattu beeksiftee.

Ministeerri Dhimma Alaa Iraan ibsa baaseen buufata niwukilaraa irratti dhiyeenyaa haleellaa raawwateen Israa’eel akka itti gaafatamtuu taasiseera.

Iraan buufata niwukilaraa haaraa kana tibba darbee eebbisisuun,erga  hojii eegalsiistee guyyaa tokko booda haleellan raawwateera.

Hoogganaan Dhaabbata Anniisaa Atoomawaa Iraan Alii Akbar haleellaan kun ”gocha shororkeessummaati” jedhaniiru.

Kanarratti hundaa’ee Iraan Israa’eel irratti tarkaanfii deebii akka fudhaattu akeekkachiste

Israa’eel hanga ammaatti dhimma kanarratti yaada laachuu baattuus, miidiyaan Israa’eel tokko garuu madda basaasaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, gochi kun haleellaa saayibaraa Israa’eelitti qabamaa jira jedhe.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.