Fana: At a Speed of Life!

Iraaqitti giddugala dandamannaa vaayrasii koroonaarratti balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 50 olii darbe

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Iraaqitti giddugala dandamannaa vaayrasii koroonaarratti balaa ibiddaa qaqqabeen lubbuun namoota 50 ol darbeera.

Balichi magaalaa Naasiriyaa jedhamtuutti kan argamuu Hospiitalaa Al Huseen jedhamurratti kan qaqqabee ta’uu poolisii beeksiseera.

Oksiijiiniin hospitaalicha keessaatti argamuu dho’uun ka’umsa balichaaf sababa ta’uu hin ooluu jedhameera.

Giddugalli dandamannaa kun baatiiwwan sadii dura kan ijaarramee yoo ta’u, yaalamtooota 70 keessummeessuu akka danda’uu ibsdameera.

Wayita balichi qaqqabeettis wallanamtoonni 63 hospitaalichaa keessaa turan jedhameera.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.