Fana: At a Speed of Life!

Irreechi calaqqee falaasama Sirna Gadaa, wiirtuu obbolummaa, araaraafi dhiifamaati- Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)- Irreechi calaqqee falaasama Sirna Gadaa, wiirtuu obbolummaa, araaraafi dhiifamaa ta’uu ibsan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Obbo Fiqaaduu Tasammaan Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Guutuun ergaa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Uummanni Oromoo duudhaalee nagaa, araaraa, jaalalaafi obbolummaa ijaaran, waliin jireenya dhugaa dagaagsan hedduudhaan kan badhaadhedha. Ayyaanni Irreechaa ammoo qabee calaqqeewwan duudhaa uummatichaa kurfeessee qabate keessaa isa ijoofi hangafadha.

Ayyaana kabajaa, araaraa fi galateeffannaa kan ta’e Irreechi uummata Oromoo bira darbee kan uummattonni biyyattii qooda irratti fudhatan, gammachuunis eeggatan ta’aa har’a qaqqabeera. Irreechi calaqqee sirna Gadaa kennaa addaa uummanni Oromoo addunyaa badhaase waan ta’eef biyya keenyarra darbee qabeenya addunyaa ta’ee jira. Abbaa duudhaa gabbataa kanaa kan taatan uummatni Oromoo, sabaaf sablammoonniifi ummattoonni biyya keenyaa hundi baga ayyaana Irreechaa bara 2015 tiif nagaan geessan; baga gammaddan jechuun fedha.

Irreechi ayyaana galateeffaannaafi dhugeeffannaa Waaqaati. Uummanni Oromoo Waaqa waa hunda sirneessee uume, Waaqa humna hundaa ol qabu gamtaan malkaa bu’ee, tulluu bahee uumama qabatee Uumaa galateeffata. Kennaa Uumaan isaaf laateefis raajeffataa galata galcha.

Riqicha uumaafi uumama wal quunnamsiisu ta’uun kan beekamu ayyaanni Irreechaa, safuu fi safeeffannaadhaan dabaalamee faaya aadaatiinis miidhagina horata. Nageenyi, araarri, jaalalli, obbolummaafi tokkummaan ammoo duudhalee ijoo ayyaana Irreechaati.

Irreechi mallattoofi agarsiiftuu ifaa, araarsituu wal dhabdee, mul’iftuu waliin jireenyaafi agarsiiftuu gamtoominaati.

Duudhaa keenya ganamaa kan ta’e kabajni ayyaana Irreechaa kaleessaa hanga har’aatti bu’aa ba’iiwwan hedduu tarkaanfatee dhiibbaawwan garaa garaa dandamatee dhalootaa dhalootatti osoo darbuu har’a qaqqabeera.

Irreechi guyyaan galataa, kallachi tokkummaaf araaraa caalmaatti ifaa fi mul’ataa miiliyoonotas hammataa Oromootarra ce’ee ardaa wal geettii saboota, sablammootaa fi uummattootaa, qabeenya addunyaa ta’uu irratti argama. Horri/ malkaawwan irreeffannaa jaarraa tarkaanfatan kunuunfamanii, kan adda citanis bakkatti deebi’anii horata aadaa keenya ganamaa sirnaan keessummeessaa jiru. Har’a kabajni ayyaana irreecha miidhaginaan dabaalamee jaalalaaf obbolummaa dagaagsuu, nagaaf araara labsuu itti fufeera.

Kabajamaa uummata Oromoo, sabaaf sablammootaafi uummattoonni biyya keenyaa,

Irreecha yemmuu kabajnu duudhaawwanii fi kallattiiwwan kabaja ayyaanichaa daran cimsuun, dhalootaaf jabeessanii qajeelchuun daran murteessaadha. Dhugaawwan ayyaana Irreechaa kan ta’an calaqqeewwan tokkummaa fi obbolummaa daran ifanii mul’achuu kabaja ayyaanaa irras tarkaanfatanii jireenya guyyaa guyyaa keessatti aadeffatamuutu irra jiraata.

Irreechi dirree nagaaf araara irraa waraabbatan waan ta’eef qooda fudhattootni sirna kanaa qulqullummaa alaaf keessaatiin faayamtanii obbolummaaf tokkummaas jabeessitanii miidhagina addaatiin kabajuun barbaachisaadha.

Irreechi iddoo eebbaafi jaalalaa waan ta’eef qooda fudhattoonni sirna kabajamaa kanaa tokkummaa fi obbolummaa dagaagsuu, nagaa fi nageenya mirkaneessuu akkasumas ayyaanni Irreechaa dirree obbollummaafi tokkummaa akka ta’uuf gahee keessan adda durummaa akka bahattan dhaamuun fedha.

Irreechi bara kanaa kan gammachuuf injifannoo dachaa itti goonfannu, obbolummaan sabdaneessummaa jabaatee kan itti lalisu, nagaaf nageenyi dhugoomee jaalalaan itti wal geenyuu fi milkii itti goonfannu akka nuuf ta’u hawwii koo ibsuun barbaada.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.