Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Malkaa Fulbaana 23 Hora Finfinneetti, bariitu Harsadiitti kabajamee oola

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Irreechi Malkaa baranaa Fulbaana 23 fi 24,2013 kabajamee oola.

Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo ibsa laaten akka beeksisetti Irreechi Birraa baranaa hora Finfinneetti Fulbaana 23, Harsadii Bishooftuutti ammoo Fulbaana 24,2013 kabajamee oola.

Ayyaanichi saaxilamummaa dhibee vaayrasii koroonaa hir’isuun haala kabajamurrattis mari’ateera.

Irreechi waggaa waggaadhan hirmaannaa namoota miiliyoonan lakkaa’amuun kan kabajamaa ture ta’uun ni yaadatama.

Yaata’uutii weerara vaayrasii koroonaa mudateen akka baroota kanaan duraatti kabajuun saaxilamummaa kan hammeessu ta’uu gumichi beeksiseera.

Ummannis kana ilaalcha keessa galchuudhan akka of eeggannaadhan socho’u dhaamera.

Irreecha Hora Finfinneerrattis ta’e Harsadiitti akkoofsi namoota malkaa bu’anii irreeffatanii akka of eeggannoof tolutti, qajeelfama ogeeyyiin fayyaa laataniin kan murtaa’u ta’uu eere.

Caffeen Gadaa Tuulamaatis marii kaleessa Hora Harsadiitti gaggeessen guyyaan irreeffannaa akkaatuma gumichi har’a murtee dabarseen qajeelfama kaa’uun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.