Fana: At a Speed of Life!

Isiraa’eel Gamoo Biiroolee Al jazeeraa fi Asoosheetiid Preesii Gaazaatti argamu barbadeessite

Finfinnee, Caamsaa 7, 2013 (FBC) – Isiraa’eel Gamo Biiroolee Al jazeeraa fi Asoosheetiid Preesii Gaazaatti argamu haleellaa Xiyyaaraan barbadeessite.

Namoonni gamicharra jiraataan haleellaan raawwatamuuf ta’uu odeeffaannoo qaamolee tika nageenyaarraa argataniin haleellicha dursuun gamicha keessaa ba’uu isaanii himameera.

Gamoon kun biiroolee fi manneen jireenyaa hedduu of keessaa qaba ture.

Waraanni Isiraa’eel gamoon kun mana namoota garee hedhattoota Filisxeemiif deeggarsa waraanaa taasiisanii ta’uu beeksiiseera.

Gamoon kun guutuumaan guutuutti wayita barbadaa’u Al Jazeeraan kallattiin tamsaasaa ture.

Asoosheetiid Preesiin ibsa baaseen haleellaan waraanni Isiraa’eel gamoo kanarratti raawwatte qaanessaa ta’uu ibseera.

Maddi:- BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.