Fana: At a Speed of Life!

Isiraa’eel Hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf iddoo addaa kan laattu ta’uu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) – Ambaadaaddar Tasfaayee Yitaayihi xaalayaa mudama isaanii Pireezidaantii Isiraa’eeliif dhiyeessaniiru.

Isiraa’eelitti ergamaa addaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Tasfaayee Yitaayihi xaalayaa mudama isaanii Pireezidaantii biyyattii Isaaqi Heerzoogiif laataniiru.

Ambaasaaddar Tasfaayeen turtii isaaniin hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti fooyyessuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha misoomaaf hojjechaa jiraachuu eeruun, Ityoophiyaa fayyadama haqa qabeessatti kan amantu ta’uu fi marii sadee mariisisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu garaagartee jiruuf furmaata kan laatu ta’uu amantaa qabaachuu ibsaniiru.

Yaa ta’uutii liigiin Araba hidhicha ilaalchisee ibsi yeroo yeroon baasu fudhatama kan hin qabne ta’uu beeksisaniiru.

Pireezidaantiin Isiraa’eel Isaaqi Heerzoog gama isaanii Isiraa’eel hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf iddoo addaa kan laattu ta’uu ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.