Fana: At a Speed of Life!

Israa’eel Ityoophiyaatti yaala covid-19 tumsuuf garee ogeeyyii fayyaa erguufi

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC)- Israa’eel Ityoophiyaatti yaala covid-19 tumsuuf garee ogeeyyii fayyaa deeggarsa taasisuu erguufi jedhame.

Jilli ogeeyyii fayyaan haammatamee kun Hospiitala Yuunvarsiitii Saamsoon Asuutaarra gara Ityoophiyaa kan egamuu yoo ta’u, Dooktar Asaaf Peereeziin durfamaa jedhameera.

Jilichi torbanoota lamaaf Ityoophiyaa keessaatti deeggarsa yaala vaayrasii koroonaa ni taasisaa jedhameera.

Hogganaan jilicha Dooktar Asaaf Peereeziin dhiyeenyatti Israa’eel weerara vaayrasii koroonaatin wal qabsiisee garee deeggarsaa taasisuu gara biyyoota birootti ni ergitiin abjuu fakkataa ture jedhaniiru.

Weerara vaayrasii koroonaatin walqabsiisee Israa’eel muuxannoo qabduu fi beekumsaashee qooduuf dirqama qabdi jedhaniiru.

Ityoophiyaatti yeroo dhihoo as tamsa’inni vaayrasii koroonaa dabalaa kan jiru yoo ta’u,  lakkoofsii namoota dhibichi itti cimee fi lubbuun isaanii dhabanii daballii olaanaa agarsiiseera.

Maddi:- Waay Neet Niwuus

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.