Fana: At a Speed of Life!

Isteevan Munshan Hidha haaromsaa dabalatee dhimmoota garaagaraarratti mari’achuuf Sudaanii fi Gibts daawwachaa jiru

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Ameerikaa Isteevan Munshan Hidha haaromsaa dabalatee dhimmoota garaagaraarratti mari’achuuf Sudaanii fi Gibts daawwachaa jiru.
Guyyaa kaleessaa Preezdaantii Gibtsi Abdulfattaa Al siisii waliin dhimma Hidha Haaromsaarratti mari’ataniiru.
Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Isteevan Munshan garaagarteen Hidha Haaromsaa biyyoota sadee gidduu jiru karaa haqa qabeessa ta’een akka furamu yaadachiisuu isaanii ragaan Kaayirootti Imbaasii Ameerikaarraa argame ni muul’isa.
Preezdaant Al Siisii fi Isteevan Munshan dhimmoota naannoo fi idila addunyaarratti marii taasiisaniiru.
Isteevan Munshan guyyaa har’aa gara Sudaan imaluun daawwannaa kan taasiisanii fi goggantoota mootummaa biyyattii waliin marii ni taasiisu jedhamee eeggame.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.