Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanonni biyyoota garaagaraatti argaman Ayyaana Cuuphaa kabajan

Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaanonni hordoftoota Amantii Kiristiyaanaa biyyoota garaagaraatti argaman Ayyaana Cuuphaa kabajaniiru.

Haaluma kanaan Gamtaa Emereetota Arabaa Magaalaa Al Ayinitti, Keeniyaa Magaalaa Naayiroobii, Afrikaa Kibbaa Magalaa Johaanisbargitti kabajameera.

Ayyaanicharratti Ambaasaaddaroonni Itiyoophiyaa, luboonni kutaa lallabaa biyyaa, dippiloomaatonni, abbootiin amantaa fi hordoftoonni amantichaa hirmaataniiru.

Ayyaanni Cuuphaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsaa fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) hambaa kiliyyaa ta’uu galmaa’uun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.