Itiyoophiyaatti gaaffiilee diimookiraasii baroota dheeraa ture sirni deebisu diriirfameera-Dooktar Tasfaayee Beeljigee
Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaatti gaaffiilee diimookiraasii baroota dheeraa ture sirni deebisu diriirfameera jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamamaa Olaanaa Mootummaa fi Miseensi Koree Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa Dooktar Tasfaayee Beeljigeen.
Dooktar Tasfaayeen, Itiyoophiyaatti ijaarsa sirna diimookiraasii fi jijjiirama waliigalaa booda hojiilee hojjetamanirratti ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin adeemsi siyaasaa waggoottan 50’n darbanii biyyattiitti sirni diimokirasii cimaan akka hinijaaramne gufuu ta’eera jedhan.
Hirmaattonni siyaasaa ummatoota walitti dhiyeessuurraa garaagarummaarratti xiyyeeffachuun rakkoolee walxaxaaf saaxiluu dubbatan.
Haaluma kanaan jijjiirama biyyaalessaa hordofee paartiin badhadhinaa seenessii waloo uumuu fi sirna diimookiraasii cimaa ijaaruuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Cabiinsa siyaasaa Itiyophiyaa wal’aanuu fi gaaffiilee diimookiraasii barootaaf turan kan deebisu sirna diriirsuurratti paartichi ciminaan hojjechaa akka jiru mirkaneessaniiru.
Aadaa siyaasaa jijjiiruuf paartichi, paartii sabdaneessaa ta’ee hundaa’uu eeranii, kanaafis riifoormiiwwan siyaasaa gaggeeffamaa jiran agarsiistuu ta’uu kaasaniiru.
Hojiilee hunda galeessaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa bal’inaan gaggeeffamaa akka jiran hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaatti jijjiiramaan booda siyaasni hirmaachisaa fi hammataa ta’ee itti fufuu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia