Fana: At a Speed of Life!

Itoophiyaatti qorannoo laaboraatooritiin namni dabalataa tokko vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’era

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Itoophiyaatti qorannoo laaboraatooritiin namni dabalataa tokko vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’era.

Waliigalaan namoonni vaayrasichaan qabaman 26 ga’aniiru.

Namni vaayrasichaan qabamuun isaa mirkanaa’e lammii Ityoophiyaa nama umrii waggaa 42ti.

Namichis Bitootessa 09,2012 Awustiraaliyaarraa gara biyyaa kan gale ta’u Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Ministeerichi namichi Bitooteessa 10, 2012 gara magaalaa Dirree Dawaatti imaluusaa beeksiseera.

Mallattoon dhibee vaayrasii koroonaa irratti muul’ateen, tursa addaatti qorannaan taasifamaafii tureera.

Namichaaf tursa addaa magaalaa Dirree Dawaatti hordoffiin taasifamaafii jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.