Fana: At a Speed of Life!

Ittaanaan Hogganaa Ajaja Kibbaa garee shororkeessaa Shanee aanaa Mooyaaleetti to’atame

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Ittaanaan Hogganaa Ajaja Kibbaa garee shororkeessaa Shanee  godina Booranaa aanaa Mooyaaleetti osoo konkolaataa dhuunfaan imaluu to’atamuu Qajeelchi Poolisii godinichaa ibse.

Shakkamichi konkolaataadhuunfaa kireeffachuun gara giddugala biyyaa seenuuf osoo jedhuu aanaa Mooyaalee bakka Boqqolaa jedhamutti guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 8:00tti to’atamuu ibsameera.

Shakkamtichi garee shororkeessaa Shanee qofa osoo hin taane gareewwan shororkeessitootaa idil addunyaa kanneen akka Al-Shabaab waliin hariiroo qabaachuu isaa shakkiin jiraachuu eerameera.

Shakkamtichi maqaa isaa duraa Mahaammad Ammee gara Abduu Umar Huseenitti jijjiiruun waraqaa eenyummaa sobaan socho’aa turuu ibsameera.

Poolisiin godinichaa konkolaataa shakkamtichi ittiin socho’aa ture to’annaa jala oolchuun dhimmicha hordofaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.